Site Title
Home
1st Jun 2023
Uncategorized
Aswrwb akkam nagaadhaa
Share this:
Click to share on X (Opens in new window)
X
Click to share on Facebook (Opens in new window)
Facebook
Like
Loading…
←
Ergaa Ariifachiisaa Hawaasa Muslimaa Cufaa!!!January 15, 2023 by Biiftuu SunnaaErgaa Ariifachiisaa Hawaasa Muslimaa Cufaa!!!- Beeksisa wanti Majliisa (Mana Maree dhimmoota Islaamaa Itiyoophiyaa) jedhamu guyyaa Kamisa dabre (04/05/2015. A.L I tti) baase fi Deebii isaaf kennamu.Ibsi isaan baasan akkas jedha:-“Warroota Khuxbaa Jum’aa taasisan Kan biyya teenyatti argaman cufaaf:-Ayyaana biyyaaleessaa Biyyi teenya qabdu keessaa inni tokko Ayyaanni Kiristaana (Ortoodoksii) Torbe dhufu kabajamu isa tokko tahuun ni beekama.Ayyaanichi Dirree tti Kan kabajamu waan taheef Deeggarsa Lammiilee Itiyoophiyaa Kan nageenya Jaalatanii cufaa kan barbaadu akka tahe ni amanna.Waan kana taheefis – Dhaamsi Jum’aa (Khuxbaan) guyyaa boruu « Muslimni cufti Obsaan, Wal Kabajuun fi ilaalcha Waliin jireenyatiin Gaarummaa baratameen Waqxiin Ayyaanaa akka dabru gahee isarraa eegamu Akka bahu» jechuudhan akka dabarsan Manni Maree dhimmoota Islaama Dhaamsa dabarsa”DEEBII Ibsa isaan baasan kana irratti kennamu:- Dhaamsi kun walumaa galatti faallaa Amantii Islaamaati. Kanaafis qabxii qabxiin haa ilaalluu!1ffaa) Majliisni wayita dhaamsa tokko dabarsu akkaataa amantii islaamaa hin faallessineen baasuu qaba. Ibsi kuni garuu faallaa kanaati. Akka waan dhimma nageenya tiif yaaddawee fakkeessuu dhan Ayyaana amantii birootif beekamtii kennuu fi isa leellisuu of keessaa qaba. Akka amantii islaamatti – Islaamummaa malee amantiin haqaa biroo hin jiru, Ayyaanni Kabajamu (kan amantii islaamatiin daangeffame malee) hin jiru. Rabbiin /Subhaanahuu wa ta’aalaa/ jecha isaa kabajamaa keessatti akkana jedha:-وَمَن يَبْتَغِ غَيْرَ الْإِسْلَامِ دِينًا فَلَن يُقْبَلَ مِنْهُ وَهُوَ فِي الْآخِرَةِ مِنَ الْخَاسِرِينَ”Namni amantii Islaamummaa malee jiru hordofe isarraa hin fuudhamu, inni ganda boodaattis warra hoongaye irraayi” (Suuraa Aala-Imraan, 3:85)Akkasuma Hadiisa keessatti, Ergmaan Rabbii /Faaru fi nageenyi isaanirra haa jiraatuu/ Akkas jedhu;-وعن أبي هريرة قال : قال رسول الله صلى الله عليه وسلم : ” والذي نفس محمد بيده لا يسمع بي أحد من هذه الأمة يهودي ولا نصراني ثم يموت ولم يؤمن بالذي أرسلت به إلا كان من أصحاب النار ” . رواه مسلم”Isa lubbuun Muhammad harka isaa jirtu tti kakadhee, Ummata (itti ergame kana) irraa Yahuudas tahee Nasaaraan /Kiristaanni/ Waan an ergameen kana dhagahee natti hin amanin warra ibiddaa irraa tahu malee hin hafu.Osoo Qur’aanaf Hadiisni haala kanaan amantii biroo faallessu, tuutni tun garuu maqaa Hooggansa dhaabbata Islaamatiin iddoo sana taa’anii gara amantii birootti waamu.2ffaa) Khuxbaan Jum’aa kan irratti murtee shari’aa islaamaa himan malee, Kan Ayyaana amantii biroo irratti beeksisanii miti!Rabbiin Qur’aana isaa keessatti akkas jedha:-يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا نُودِيَ لِلصَّلَاةِ مِن يَوْمِ الْجُمُعَةِ فَاسْعَوْا إِلَىٰ ذِكْرِ اللَّهِ وَذَرُوا الْبَيْعَ ۚ ذَٰلِكُمْ خَيْرٌ لَّكُمْ إِن كُنتُمْ تَعْلَمُونَ”Yaa warra rabbi dhugoomse (yaadan, jechaa fi gochaanis Rabbi dhugoomse) guyyaa jum’aa gara zikrii rabbitti deemaa, sanitu isiniif caala, Yoo caalaa tahuu isaa kan beektan tahe”.Osoo Rabbiin guyyaan jum’aa guyyaa zikrii rabbii tahuu nuuf himu, isaan gara Faallaa waan zikrii taheetti waamaa jedhanii ibsa baasan!!!.Ammas Rabbiin akkas jedha:-وَتَعَاوَنُوا عَلَى الْبِرِّ وَالتَّقْوَىٰ ۖ وَلَا تَعَاوَنُوا عَلَى الْإِثْمِ وَالْعُدْوَانِ ۚ وَاتَّقُوا اللَّهَ ۖ إِنَّ اللَّهَ شَدِيدُ الْعِقَابِ”Toltuu fi sodaa rabbii irratti wal gargaaraa, Yakkaa fi Aduwwummaa irratti wal hin gargaarinaa, Rabbiin sodaadhaa, Rabbiin adabbiin isaa jabaadha.” (Suuraa Maa’idaa, 5:2)📮 Hubadhaa! Majliisni dhaamsa kana wayita barreessu maqaa “Nageenyaa” fi “waliin jireenyaa” tin haa tahuu malee, isaan ergaan dabarsaa jiran gara ilaalcha “wahdatul-Adyaan” /Amantiin cufti Rabiiraa dhufte, Amantiin hundi Nabi Ibraahimitti deebiti/ jedhu saniiti. Kanaafis Ragaan jechoota isaan yeroo addaa addaatti waltajjii isaanii fi kkf’niin dubbataniidha. Kana irraa kan hafe Islaamummaan gara nagaa fi waliin jireenyatti waamti, matumti isheetuu nagaa! Garuu maqaa nagaa tti waamutiin Waan Islaamummaa guutumatti faallessutti waamun waan sirrii akka hin taane hubatamuu qaba.•┈┈┈┈•✿❁✿•┈┈┈┈•©️ Biiftuu SunnaaIbsituu Dukkanaa !!!Amajjii 7/2015 A.L.I (Jumaada -II, 22/14444 H.C)
→
As wr wb
Leave a comment
Cancel reply
Δ
Privacy & Cookies: This site uses cookies. By continuing to use this website, you agree to their use.
To find out more, including how to control cookies, see here:
Cookie Policy
Comment
Reblog
Subscribe
Subscribed
Site Title
Sign me up
Already have a WordPress.com account?
Log in now.
Site Title
Subscribe
Subscribed
Sign up
Log in
Copy shortlink
Report this content
View post in Reader
Manage subscriptions
Collapse this bar
%d
Design a site like this with WordPress.com
Get started
Leave a comment