As wr wb jirra jirttuu baga nagaan guyyaa kana geessan isiniin jechaa ODUU Gammachiisaa Manni maree dhimmoota Islaama Ithiyoopiyaa erga akka haarawatti gurmaa’ee kaasee hojiiwwan hedduu ummata keenya madaalu raawwachaa turreerra.jalqabni kunniin akka galma gahaniif Kadhannaan ummata keenyaa gama keenyaa jiraatun isaa kunis nu cimsee jira. AlhamdulillahGuyyaa kaleessa waahillan koo Mana Maree Ol’aanaa keessa jiran waliin gara Saudi Arabiyaatti Imala jirra. Waamicha Mootummaan Sa’uudiitti ministerri Dhimma Islaamaa nuuf kenne irratti hundaa’uun guyyoota 5f achi turra.Turtii keenya keessatti marii hedduu godhuuf kan karoorfanne yoo tahu sannen keessa waa’ee lammiilee keenya manneen hidhaa Sa’udii Arabiyaa keessa jiran irratti mari’achuuf karoorri qabameera, Gama ijaarsaatiin pirojektoota gurguddoo hammanne keessaa Giddu-galli Islaamaa Nejashii kan naannoo Gamtaa Afrikaa finfinneetti ijaaramuf deemu fi waa’een mana barnoota Awwaliyyaas isa tokko. Dhimmoota kanneenii fi kan kana fakkaatan irratti marii fedhii amantaa, diinagdee fi hawaasummaa ummata keenyaa guutu ni gaggeessina jennee abdanna. Inshaa Allah©Sheikh Haji Ebrahim Tufa’s post👇👇👇👇👇👇👇👇https://t.me/DarulArqam_Madrasaa

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started